Saturday 1 October 2022

FINFINNEE(POEM)

 ✍️ Yetabatu (ዬታባቱ)

Hardha irraa eegaltee
Naan hin jedhin addis ababa
Kan sabni koo naaf moggaase
Ani maqaa qaali qaba

Yoo barbaadde jedhitii
Na yaami finfinnee
Maqaa isa kana
Sabni koo Oromoon
Akka laayyotti hin finne

Eessatti sii beeka
Isa ati jettu kana adisaaba
Addis ababa ,addis ababaa
Naan jedhaatoo saba koo irratti
Hajjata isa turtan waan dabaa
Yoomiin isin wollale isin beeka sirritti
Oromoo ariitani narra kan baaftan cinatti
Amma dabareen keessani
Arguuf jirtu waan gaddaa.
Anis ka'ee falmadhee dida
Maqaa isin naaf moggaaftan
Hin fedhu maqaa gandaa

Ani maqaan kankoo
Shaggar ykn finfinne
Addis ababaa isin naan jettan
Isa sabni koo dide
Anis maaf hin dinne?
Akka jettee na hin yaamne
Ani didee jira maqaa ormaa
Addis ababaa osoo hin taane
Finfinnee naan jedhiitoo
Na yaami maqaa kormaan.
✍️Nasiro Beriso.
Ful.21-2015 Finfinnee
(ፊንፊኔ)



1 comment:

Thanks for all

Home

YAA ILMA KOO

YAA ILMA KOO! Yaa ilma koo na dhageessaa? Mee yaadadhu isa kaleessaa Ganda jooree liqeeffadhee Dugda-fuudhee kireeffadhee Qullaa deemee sitt...