Wednesday 23 November 2022

LEENJISOO DIIGAA

 Ilma isaa haroo ta'e

Worra shaatii barruu
Worra abbaa fardaa
Worra diina ari'ee
Eboon duubaan sarde
Farda isaa obbaafate
Dhiiga hanbuuqee tufee
Cilaalo jalaan marsee
Goonni qadiida dhufe.

Mana manaan yaa'ee
Gosti wolii birmatee
Mootiin woraanaan dhufee
Galloodhaan ari'atee.

Eboon mootiif qaramee
Kan leenjisoon darbate
Mootii sana hanqatee
Farda isaa argate.

Gonfoon mootii harca'ee
Sootalli worqii kufee
Niitii isaa gatee gale
Mootiin woraanaaf dhufee.

Lukaan laga ceesisee
Tabba jilbiibbiin deemsise
Kophee isaa gachisiisee
Waaroo marachiise.

Dafqa isaa buusisee
Ari'ee mojoon yaasee
Hardhas fardi abbaa magaal
Mooticha lubbuu baase.

Farda abbaa magaaliitiin
Dheessee masaraa ga'ee
Oolee osoo hin bulin
Dheessee isiraa'eliin hale.

Faranjitti iyyatee
Takkaa itti boo'ee
Dubbiin farda jalatti woraanuu
Gama sanatti hoo'e.

Gariin mala malee
Kaan woraana bitee
Hidhaa bara baayyee
Kan koodiin nu hiite.
http://t.me/Nasiroberiso
http://nasiroberiso.blogspot.com



No comments:

Post a Comment

Thanks for all

Home

YAA ILMA KOO

YAA ILMA KOO! Yaa ilma koo na dhageessaa? Mee yaadadhu isa kaleessaa Ganda jooree liqeeffadhee Dugda-fuudhee kireeffadhee Qullaa deemee sitt...