Thursday 14 September 2023

YAA ILMA KOO

YAA ILMA KOO!

Yaa ilma koo na dhageessaa?
Mee yaadadhu isa kaleessaa
Ganda jooree liqeeffadhee
Dugda-fuudhee kireeffadhee
Qullaa deemee sitti uffisee
Ququnca’een si guddisee.

Qorraafi hongeen waxalamee
Cabee lafatti dabalamee
Qotee, ciree, haamee, dha’ee
Fooniin dhumee lafee ta’ee
Daalachaa’ee bifa fixee
Gaara ba’ee kattaa lixee
Rakkina koon bor sitti obsa
Jedhee jooree dafqa cobsaa
Dhiiga yaaddootiin of jiisee
Gidirfameen si barsiise.
Nama si gochuuf dhabee deegee
Naaf dhaabbatta se’een eege.

Ati garuu korma namaa
Na dagatte - daguu hamaa
Hojiifi bultiin liqimfamtee
Akka gumaa fagootti hafte.
Imaanaa nyaatte akka hattuu
Na hin barbaaddu - na hin gaafattu
Cabeefi meelladhee koo hin beektu.
#Kutaa 1

@Nasiro_inspire
@Nasiro_inspire
@Nasiro_inspire
              Join đŸ“±đŸ‘ˆ godhaa

Akkaata Bilbila keessan kan namni hidhate ittii ilaalta

https://www.facebook.com/100043755626790/posts/830567705078409/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v

Wednesday 23 November 2022

LEENJISOO DIIGAA

 Ilma isaa haroo ta'e

Worra shaatii barruu
Worra abbaa fardaa
Worra diina ari'ee
Eboon duubaan sarde
Farda isaa obbaafate
Dhiiga hanbuuqee tufee
Cilaalo jalaan marsee
Goonni qadiida dhufe.

Mana manaan yaa'ee
Gosti wolii birmatee
Mootiin woraanaan dhufee
Galloodhaan ari'atee.

Eboon mootiif qaramee
Kan leenjisoon darbate
Mootii sana hanqatee
Farda isaa argate.

Gonfoon mootii harca'ee
Sootalli worqii kufee
Niitii isaa gatee gale
Mootiin woraanaaf dhufee.

Lukaan laga ceesisee
Tabba jilbiibbiin deemsise
Kophee isaa gachisiisee
Waaroo marachiise.

Dafqa isaa buusisee
Ari'ee mojoon yaasee
Hardhas fardi abbaa magaal
Mooticha lubbuu baase.

Farda abbaa magaaliitiin
Dheessee masaraa ga'ee
Oolee osoo hin bulin
Dheessee isiraa'eliin hale.

Faranjitti iyyatee
Takkaa itti boo'ee
Dubbiin farda jalatti woraanuu
Gama sanatti hoo'e.

Gariin mala malee
Kaan woraana bitee
Hidhaa bara baayyee
Kan koodiin nu hiite.
http://t.me/Nasiroberiso
http://nasiroberiso.blogspot.com



Sunday 6 November 2022

 Gorsa dargaggoota biyya keessaa fi biyya alaa jirtaniif!


Har'a cimseen si gorsuu barbaada obboleessa koo, obboleetti koo, Salphaatti website fi blog mataa keessanii ijaaruun jireenya mataa keessanii fi maatii keessanii jijjiiruu dandeessu. Akkamitti kan jedhuuf appii nuti itti fayyadamnee ji'an maallaqa guddaa itti argachaa jirru kana fayyadamuun, website ykn blog mataa keessanii salphaatti uumuun ittiin maallaqa argachuu dandeessu.


Akkamitti kan jedhuuf ibsa bal'aa liinkii gadii tuquun dubbisaa.

👇👇👇👇👇👇👇👇👇

http://nasiroberiso.blogspit.com


 https://channel2.bbcko.com/2022/10/26/app-online-irraa-malaqa-fudhatanniin/

Thursday 3 November 2022

 konkolaataa dibatanii, dhoqqee ofitti dibanii ture.

 konkolaataa kana dhiibaa hanga kolleejii isaaniitti akka dhufan ibsaniif.

Inni kun akka qorannoofi qophii isaan qormaataaf 


Tuesday 1 November 2022

LAPHEE ISA DURII

 LAPHEE ISA DURIi❣️


Lapheen Inni Durii

Inni Hin Qabne Xurii...

Dhiigarraa Hojjatame

Dhiiga Kennaa Waaqaa

Nama Kan Ta'e Hundaaf

Balbala Isaa Saaqa!

Lapheen inni ammaa

Gagaan irri dammaa...

Birrii irraa hojjetame

Birrii abbaa dhibbaa

kanaaf sooreessa jaallatee

Hiyyeessammoo Jibba!

✍️Naasiroo Bariisootiin.




Home

YAA ILMA KOO

YAA ILMA KOO! Yaa ilma koo na dhageessaa? Mee yaadadhu isa kaleessaa Ganda jooree liqeeffadhee Dugda-fuudhee kireeffadhee Qullaa deemee sitt...